Barnoonni Gannaa Yunivarsiitii Filataman Qofa Keessatti Kan Kennamu Ta'u Ministeerri Barnootaa Beeksise. Barsiisonni baayyeen sagantaa Barnoota Gannaa kana fayyadamuun sadarkaa barnoota isaanii fooyyeffachaa turun ni beekkama. Ta'us sagantaa barnoota Gannaa kuni Bara 2012 irra jalqabee kan addaan citee ture yoo ta'u bara kana akka itti fufu hayyamame jira. Bara kanarraa eegalee Sagantaa Barnoota Gannaa Yuunivarsiiitiilee Ministeerichaan Filataman qofa keessattii kan kennamu yoo ta'u, ammaaf Yunivarsiitiilee maqaan isaanii armaan gadiitti tarreeffame qofa keessattii kan jalqabamu ta'un ibsamee jira. 👉 Yuunivarsiiitii Kotobee 👉 Yuunivarsiitii Bahir Dar 👉 Yuunivarsiitii Hawaasaa 👉 Yuunivarsiitii Maqalee 👉 Yuunivarsiitii Haramayaa 👉 Yuunivarsiitii Jimmaa 👉 Yuunivarsiitii Goondar fi 👉 Yuunivarsiitii Arbaaminci qofa keessatti kan gaggeeffamu ta'u ibsamee jira. #HUBCHIISA: Barsiisonni bara 2011 fi saniin dura barnoota gannaa jalqaaban bakkuma duraan itti barachaa jiranitti kan xumuran ta'un ibsamee jira.
https://t.me/OroAcademic/531