📝 Namni Gatii Ofiisaa Hin Beekne, Gatii Namoonni Isaaf Kennaniin Gatii Isaa Ibsata. ✍️ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 🔴 Titiisni roobni itti roobe tokko gaanfa guddaa sangaa tokko irra qubattee aduu ho'ifachaa yeroo dheeraaf turte. Erga qorri ishee gadhiisee booda gurra sangaa sanatti jechuun, "dhiifama, amma deemaan jira," jette. Sangaanis garagalee ilaalee akkana jedhee deebisef: "Yeroo qubattes natti hin dhaga'amne; yeroo kaatus homaa natti hin dhaga'amu." deemi jedheen. ✉️ Jireenya keenya keessatti namoonni tokko tokko ni jiru. Yeroo nu waliin jiraatanis bu'aa nuuf hin qaban; yeroo nurraa fagaatanis miidhaa nurra geessisan hin qaban. Garuu akka waan jireenya keenya keessatti gahee guddaa qabanitti of ilaalu. ✍️ Kanaaf, namoota gatii isaaniis ta'ee gatii nama biraa hin beekne waliin yeroo kee hin gubin! Nama tasgabbaa'aa ta'i! Hojii kee irratti xiyyeeffadhu; namoota akkasiitiif deebiin hundarra gaarii ta'e milkaa'ina keeti. ✅ Namni gatii isaa hin beekne, namoonni ati dadhabaadha gaafa ittin jedhan, gatii isaa waan hin beekneef sirriidha eyyee an dadhabaadha jedhee fudhachuun jireenya dadhabaa jiraata. ✍️ Namni gatii isaa beeku garuu, namni tokko dhufee ati dadhabaadha yoo ittiin jedhe; akkas jechuun deebisaaf, amma yaadu dandeessuuf amma ittiin of yaadduun ana yaaddee!... Animmoo sammuu koon waanan yaaduuf, sammuu koo ammoo gatii akkan ani qabutti waan amaneef... Jechi ati amma naan jette kun na hin ibsu jechuun deebisaaf! Gatiin kee amma isaan si yaadaniin ol akka tahe dursii amani! ✅ Leadership and Psychology ✅️
https://t.me/Gaggeessummaa/5132